Waaqayyo Biiftuu Qajeelummaati
Faarfannaa 19
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu;
bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,
halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;
sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,
dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.
Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi
akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee
gara handaara kaaniitti naannofti;
wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
 
Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu;
lubbuu namatti deebisa.
Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha;
nama wallaalaa beekaa godha.
Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha;
garaadhaaf gammachuu kenna.
Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha;
ijaafis ifa kenna.
Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha;
bara baraan jiraata.
Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha;
walumaa galattis qajeelaa dha.
10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame
caalaa iyyuu gatii qabeessa;
inni damma caalaa,
nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;
isa eeguunis gatii guddaa qaba.
 
12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?
Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.
13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi;
cubbuun kunis na hin moʼatin.
Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha;
dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.
 
14 Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko,
dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo
fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.