Galata Waaʼee Mootichaatiif Dhiʼaate
Faarfannaa 21
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada.
Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
 
Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta;
kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
Ati eebba guddaadhaan isa simatte;
gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef;
bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe;
atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
Ati eebba bara baraa kenniteef;
akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
Mootichi Waaqayyoon amanataatii;
sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii
kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
 
Harki kee diinota kee hunda ni qabata;
harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
Yeroo mulʼachuu keetiitti,
akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota.
Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa;
ibiddis isaan fixa.
10 Ati sanyii isaanii lafa irraa,
ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan,
yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti,
akka isaan baqatan gootaatii.
 
13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi;
nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.