Ija Jabina Nama Waaqayyoo
Faarfannaa 27
Faarfannaa Daawit.
Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Namoonni hamoon yommuu
foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,
diinonni koo fi amajaajonni koo
yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
Yoo duulli na marse illee,
garaan koo hin sodaatu;
yoo waraanni natti baname illee
ani hin raafamu.
 
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
Inni guyyaa rakkinaa
iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;
daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;
kattaa gubbaattis ol na baasa.
 
Yommus diinota na marsanii olitti
mataan koo ol jedha;
dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;
Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
 
Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;
naaf araarami; deebiis naaf kenni.
Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti,
garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
Fuula kee na duraa hin dhoksin;
aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;
ati gargaaraa koo taateerta.
Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko,
na hin gatin; na hin dhiisinis.
10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,
Waaqayyo na simata.
11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;
sababii ani diinota baayʼee qabuuf
daandii qajeelaa irra na buusi.
12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;
dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;
isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
 
13 Anis biyya jiraattotaa keessatti
gaarummaa Waaqayyoo akkan argu
amma iyyuu nan amana.
14  Waaqayyoon eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Waaqayyoon eeggadhu.