Qooda Nama Qajeelaa Fi Hamaa
Faarfannaa 37
Faarfannaa Daawit.
Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin
yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;
akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
 
Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Waaqayyotti gammadi;
innis hawwii garaa keetii siif guuta.
 
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;
isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,
murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
 
Waaqayyo duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
 
Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;
hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
 
10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;
yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;
nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
 
12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;
ilkaan isaaniis isatti qaratu;
13 Gooftaan hamootatti ni kolfa;
inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
 
14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi
rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,
warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,
goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;
iddaan isaaniis ni caccaba.
 
16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,
waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
17 humni hamootaa ni cabaatii;
Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
 
18  Waaqayyo bara tolootaa ni beeka;
dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;
bara beelaa keessas ni quufu.
 
20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;
diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;
isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
 
21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu;
garuu deebisanii of irraa hin baasan;
qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
22 warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu;
warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
 
23 Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama;
inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;
Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
 
25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
garuu qajeeltonni gatamuu isaanii
yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;
ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
 
27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;
yoos ati bara baraan ni jiraatta.
28  Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii;
warra isaaf amanamanis hin gatu.
 
Isaanis bara baraan ni eegamu;
sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu;
bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
 
30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;
miilli isaas hin mucucaatu.
 
32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;
isaan ajjeesuus ni barbaadu;
33  Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu
yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,
akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
 
34  Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
 
35 Nama hamaa fi gara jabeessa,
isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;
ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
 
37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;
sanyiin nama nagaa hin baduutii.
38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;
galgalli nama hamaas hin tolu.
 
39 Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
40  Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas;
harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;
isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.