Faaruu Booʼichaa
Faarfannaa 44
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.
Yaa Waaqi, waan ati bara durii,
jabana isaanii keessa hojjette sana,
abbootiin keenya nutti himaniiru;
nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
Ati harka keetiin saboota ariitee baafte;
abbootii keenya immoo ni dhaabde;
namoota ni balleessite;
abbootii keenya garuu bilisa baafte.
Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee
isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle;
yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne;
ati isaan jaallatteertaatii.
 
Ati Mootii koo fi Waaqa koo
kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
Nu siin diinota keenya duubatti deebifna;
maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
Ani iddaa koo hin amanadhu;
goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita;
warra nu jibban immoo ni qaanessita.
Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna;
maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
 
Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta;
ati loltoota keenya wajjin hin baane.
10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta;
warri nu jibbanis nu saamaniiru.
11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta;
ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta;
gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
 
13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa,
warra naannoo keenyaa birattis
waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote;
namoonnis mataa nutti raasan.
15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira;
fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif,
sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
 
17 Kun hundi nutti dhufeera;
taʼus nu si hin daganne;
yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine;
tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite;
dukkana hamaadhaan nu haguugde.
 
20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee,
yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee?
Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
 
23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta?
Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta?
Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
 
25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii;
garaan keenyas lafatti maxxaneera.
26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee
kan hin geeddaramneetiifis nu furi.