Waaqayyo Mootii Addunyaa ti
Faarfannaa 47
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.
Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;
sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.
Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii,
Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!
Inni saboota nu jala,
namootas miilla keenya jala galcheera.
Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,
dhaala keenya nuu fileera.
 
Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee
malakataatiin ol baʼe.
Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa faarfadhaa;
faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa faarfadhaa.
 
Waaqni Mootii lafa hundaa ti;
faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.
Waaqni saboota irratti Mootii dha;
Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
Qondaaltonni sabootaa,
akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu;
mootonni lafa irraa kan Waaqaatii;
innis guddisee ol ol jedheera.