Waaqayyotti Abbaa Murtii Qajeelaatti Iyyachuu
Faarfannaa 54
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame.
Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi;
humna keetiinis naa murteessi.
Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi,
dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
 
Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;
warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;
Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
 
Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti;
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
 
Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;
atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
 
Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;
yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha;
inni gaariidhaatii.
Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;
iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.