Warri Nama Arrabsan Adabamuu Isaanii
Faarfannaa 64
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi;
lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
Marii jalʼootaa duraa,
mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
 
Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan;
dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu;
akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
 
Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu;
waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu;
“Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
Isaanis jalʼina yaaduudhaan,
“Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu;
yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
 
Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa;
isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa;
warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
 
Namoonni hundinuu ni sodaatu;
isaan hojii Waaqaa ni labsu;
waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada;
isattis kooluu gala;
gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.