Iyya Dhiphinaa
Faarfannaa 70
70:1‑5 kwf – Far 40:13‑17
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti.
Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu;
yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan
hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;
warri badii koo hawwan hundi
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan;
warri fayyisuu kee jaallatan,
yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
 
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;
yaa Waaqi, dafii na qaqqabi.
Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;
yaa Waaqayyo hin turin.