Mooticha Abdiin Eegamu
Faarfannaa 72
Faarfannaa Solomoon.
Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf,
qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.
Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa;
hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.
 
Tulluuwwan badhaadhummaa,
gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.
Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma;
ijoollee rakkattootaa ni oolcha;
cunqursituu immoo ni barbadeessa.
Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti,
dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.
Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu,
akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.
Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara;
nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.
 
Innis galaanaa hamma galaanaatti,
Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.
Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu;
diinonni isaas biyyoo arraabu.
10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni
biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu;
mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.
11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu;
saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.
 
12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu,
hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.
13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa;
nama rakkataas duʼa jalaa baasa.
14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura;
dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.
 
15 Umuriin isaa haa dheeratu;
warqeen Shebaa isaaf haa kennamu.
Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan;
guyyaa guutuus isa haa eebbisan.
16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu;
fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu.
Iji isaa akka Libaanoon haa tolu;
akka marga lafaas haa misu.
17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu;
Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu.
 
Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu;
jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.
 
 
18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu,
Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu;
lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.
Ameen; Ameen.
 
 
20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.