Abbootii Murtii Kanneen Murtii Jalʼisan
Faarfannaa 82
Faarfannaa Asaaf.
Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata;
“waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
 
“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?
Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;
mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;
harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
 
“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.
Isaan dukkana keessa jiraatu;
hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
 
“Anis, ‘Isin, “waaqota;”
hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;
akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
 
Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri;
sabni hundinuu kan keetiitii.