Faarfannaa Fi Kadhannaa Amanamummaa Waaqaatiif Dhiʼaate
Faarfannaa 89
Maskiilii Eetaan Izraahichaa.
Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha;
afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
Akka araarri kee bara baraan jiraatu,
akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
 
Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera;
Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba;
teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ ”
 
Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju;
yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa?
Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama;
warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
kan akka keetii eenyu?
Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
 
Ati raafama galaanaa ni moota;
yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
10 Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite;
irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
11 Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti;
ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
12 Kaabaa fi kibba situ uume;
Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan
maqaa kee galateeffatu.
13 Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha;
harki kee mirgaas ol kaʼeera.
 
14 Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti;
araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
15 Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan,
warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu;
qajeelummaa keetiinis si jajatu.
17 Ati ulfina jabina isaanii ti;
jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
18 Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti;
kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
 
19 Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti
mulʼataan dubbatteerta:
“Ani loltuu tokkoof humna kenneera;
dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
20 Ani garbicha koo Daawitin argadheera;
zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
21 Harki koo isa wajjin jira;
irreen koos isa jajjabeessa.
22 Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu;
namni hamaanis isa hin hacuucu.
23 Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa;
warra isa jibbanis nan dhaʼa.
24 Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata;
gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
25 Ani harka isaa galaana irra,
harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
26 Innis, ‘Ati Abbaa koo ti;
Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
27 Anis ilma koo hangafa,
kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
28 Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa;
kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
29 Hidda sanyii isaa bara baraan,
teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
 
30 “Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan,
yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
31 yoo isaan sirna koo cabsanii
ajaja koo illee eeguu baatan,
32 ani cubbuu isaanii uleedhaan,
yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
33 ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu;
yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
34 Ani kakuu koo hin cabsu;
yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
35 Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera;
ani Daawitin hin sobu.
36 Sanyiin isaa bara baraan itti fufa;
teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
37 akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata;
hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
 
38 Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas;
isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta;
gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
40 Dallaa isaa hunda caccabsiteerta;
daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
41 Warri achiin darban hundi isa saamu;
olloonni isaas itti qoosu.
42 Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta;
akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
43 Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta;
waraana keessattis isa hin gargaarre.
44 Surraa isaa isa irraa balleessiteerta;
teessoo isaas lafatti gatteerta.
45 Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta;
qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
 
46 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?
Ati bara baraan of dhoksitaa?
Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
47 Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu.
Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
48 Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu
yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu
kan dandaʼu nama akkamii ti?
49 Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin
Daawitiif kakatte sun eessa jira?
50 Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame,
akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa
bobaatti baadhe yaadadhu;
51 yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan,
kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
 
 
52 Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!
Ameen; Ameen.