Kitaaba
Seenaa
Tokkoffaa
1
Sanyii Addaam
Hamma Ilmaan Nohiitti
Addaam, Seeti, Enoosh,
Qeenaan, Mahalaleel, Yaared,
Henook, Matuuselaa, Laameh,
Noh.
 
Ilmaan Noh: Seem, Haam, Yaafet:
Yaafetoota
1:5‑7 kwf – Uma 10:2‑5
Ilmaan Yaafet:
Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
Ilmaan Goomer:
Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
Ilmaan Yaawaan:
Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
Kaamota
1:8‑16 kwf – Uma 10:6‑20
Ilmaan Haam:
Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
Ilmaan Kuushi:
Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan.
Ilmaan Raʼimaa:
Shebaa fi Dedaan turan.
10 Kuushi abbaa Naamruud;
Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
11 Misrayim immoo abbaa
Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, 12 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
13 Kanaʼaan abbaa
Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa, 14 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 15 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, 16 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
Seemota
1:17‑23 kwf – Uma 10:21‑31; 11:10‑27
17 Ilmaan Seem:
Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
Ilmaan Arraam:
Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
18 Arfaakshad Sheelaa dhalche;
Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
19 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate:
Sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef, maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
20 Yooqxaan immoo
Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa, 21 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, 22 Eebaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, 23 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
 
24 Seem, Arfaakshadi, Sheelaa,
25 Eeberi, Felegi, Reʼuu,
26 Seruugi, Naahoor, Taaraa,
27 akkasumas Abraam kan Abrahaam jedhame sanaa dha.
Maatii Abrahaam
28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel.
Sanyiiwwan Aggaar
1:29‑31 kwf – Uma 25:12‑16
29 Sanyiiwwan isaanii warra kanneenii dha:
Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami, 30 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa, 31 Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa.
Isaan kunneen ilmaan Ishmaaʼeel.
Sanyiiwwan Heeturaa
1:32‑33 kwf – Uma 25:1‑4
32 Ilmaan Qexuuraan saajjatoon Abrahaam sun deesse:
Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa.
Ilmaan Yokshaan:
Shebaa fi Dedaan.
33 Ilmaan Midiyaan:
Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa.
Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
Sanyiiwwan Saaraa
1:35‑37 kwf – Uma 36:10‑14
34 Abrahaam abbaa Yisihaaq.
Ilmaan Yisihaaq:
Esaawuu fi Israaʼel.
Ilmaan Esaawuu
35 Ilmaan Esaawu:
Eliifaaz, Reʼuuʼeel, Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi.
36 Ilmaan Eliifaaz:
Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz;
karaa Tiimnaatiin: Amaaleq.
37 Ilmaan Reʼuuʼeel:
Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah.
Namoota Seeʼiir kanneen Edoom keessa Jiraatan
1:38‑42 kwf – Uma 36:20‑28
38 Ilmaan Seeʼiir:
Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
39 Ilmaan Looxaan:
Hoorii fi Hoomaam, Tiimnaa obboleettii Looxaan.
40 Ilmaan Sobaal:
Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
Ilmaan Zibeʼoon:
Ayyaa fi Aannaa.
41 Ilmi Aannaa:
Diishoon.
Ilmaan Diishoon:
Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
42 Ilmaan Eezeri:
Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
Ilmaan Diishaan:
Uuzii fi Araan.
Bulchitoota Edoom
1:43‑54 kwf – Uma 36:31‑43
43 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana.
44 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
45 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
46 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
47 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
48 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
49 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
50 Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte. 51 Hadaadis ni duʼe.
 
Hangafoota saba Edoom:
Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti, 52 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon, 53 Qenaz, Teemaan, Mibzaar, 54 Magidiiʼeelii fi Iiraam.
Namoonni kunneen hangafoota Edoom turan.