10
Saaʼol Of Ajjeese
10:1‑12 kwf – 1Sm 31:1‑13; 2Sm 1:4‑12
Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman. Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan. Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan.
Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe.
Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe. Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe. Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman.
Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan. Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan. 10 Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan.
11 Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti, 12 namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman.
13 Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate; 14  Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.