12
Loltoonni Daawititti Dabalamuu Isaanii
Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha; isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.
 
Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan.
Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet,
Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot, Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture;
Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa, Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,
Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,
Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.
 
Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.
 
Eezer hoogganaa isaanii ture;
Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa,
10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,
11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,
12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,
13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.
 
14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture. 15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.
16 Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan. 17 Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.”
18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe:
“Yaa Daawit, nu kan kee ti!
Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra!
Milkaaʼi, milkaaʼi;
warri si gargaaranis haa milkaaʼan;
Waaqni kee si gargaaraatii.”
Kanaafuu Daawit isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate.
19 Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii. 20 Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan. 21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii. 22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.
Namoonni Biraas Kebroonitti Daawititti Dabalaman
23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Waaqayyo dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:
 
24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;
25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;
26 namoonni Lewwii 4,600; 27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan; 28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;
29 namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;
30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;
31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;
32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;
33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;
34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;
35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;
36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;
37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.
 
38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha.
 
Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawitin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawitin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan. 39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan. 40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.