20
Qabamuu Magaalaa Raabbaa
20:1‑3 kwf – 2Sm 11:1; 12:20‑21
Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe. Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
Waraana Filisxeemotatti Baname
2:4‑8 kwf – 2Sm 21:15‑22
Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif.
Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese.
Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate. Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese.
Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.