29
Kennaa Ijaarsa Mana Qulqullummaatiif Kenname
Ergasii Daawit mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon inni Waaqni filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan Waaqayyo Gooftaati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha. Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera. Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna; kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba, akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?”
Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan. Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan. Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche. Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Waaqayyoof kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade.
Kadhannaa Daawit
10 Daawit yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee Waaqayyo galateeffate;
“Yaa Waaqayyo, Waaqa abbaa keenya Israaʼel
bara baraa hamma bara baraatti
galanni siif haa taʼu.
11 Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi
lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,
ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.
Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti;
ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama;
ati bulchaa waan hundaa ti.
Ol ol guddisuu fi waan hundaaf
jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.
13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna;
maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.
14 “Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. 15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu. 16 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma. 17 Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera. 18 Yaa Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaa, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi. 19 Ilma koo Solomooniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif.”
20 Sana booddees Daawit yaaʼii guutuudhaan, “Waaqayyo Waaqa keessan galateeffadhaa” jedhe. Kanaafuu hundi isaanii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula Waaqayyootii fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan.
Solomoon Mootii Taʼuun Isaa Beekame
29:21‑25 kwf – 1Mt 1:28‑53
21 Isaanis guyyaa itti aanutti Waaqayyoof qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha. 22 Isaanis gaafa sana fuula Waaqayyoo duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan.
Ergasii immoo Solomoon ilma Daawit mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan. 23 Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman. 24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan.
25  Waaqayyos Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.
Duʼa Daawit
29:26‑28 kwf – 1Mt 2:10‑12
26 Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture. 27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche. 28 Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
29 Hojiin bara mootummaa Daawit Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti, 30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.