11
Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
Garuu dubbiin Waaqayyoo kun akkana jedhee gara nama Waaqaa gara Shemaaʼiyaa ni dhufe; “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Beniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi; Waaqayyo akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyootiif ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan.
Rehooboʼaam Magaalaawwan Yihuudaa Jabeessee Ijaare
Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis: Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa, Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam, Gaati, Maareeshaa, Ziif, Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa, 10 Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Beniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha. 11 Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse. 12 Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Beniyaamin kan ofii isaa godhate.
13 Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran. 14 Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota Waaqayyootti isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan. 15 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate. 16 Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii Waaqayyo Waaqa Israaʼel bira jiru Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan. 17 Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Solomoon ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawitii fi Solomoon duukaa buʼaa turaniitii.
Maatii Rehooboʼaam
18 Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawitii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey. 19 Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef. 20 Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef. 21 Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture.
22 Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude. 23 Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Beniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise.