13
Abiyaa Mooticha Yihuudaa
13:1‑2; 13:22–14:1 kwf – 1Mt 15:1‑2,6‑8
Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe; innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte.
Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture. Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate.
Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa! Isin akka Waaqayyo Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii? Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile. Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman.
“Isin amma mootummaa Waaqayyoo kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu. Isin garuu luboota Waaqayyoo, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa.
10 “Nuuf garuu Waaqayyo Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni Waaqayyoon tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru. 11 Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu Waaqayyoof ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja Waaqayyo Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu. 12 Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.”
13 Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge. 14 Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara Waaqayyootti ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan; 15 namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse. 16 Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne. 17 Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume. 18 Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan.
19 Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate. 20 Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. Waaqayyo isa dhaʼe; innis ni duʼe.
21 Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
22 Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera.