15
Jijjiirama Aasaan Fide
15:16‑19 kwf – 1Mt 15:13‑16
Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe. Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Waaqayyo isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa. Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan. Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame. Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre. Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture. Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.”
Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Waaqayyoo kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru illee ni haaromse.
Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman. 11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Waaqayyoof aarsaa godhan. 12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan. 13 Namni Waaqayyo Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture. 14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Waaqayyoof ni kakatan. 15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Waaqayyo karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. 17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof kennamee ture. 18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.