26
Uziyaan Mooticha Yihuudaa
26:1‑4 kwf – 2Mt 14:21‑22; 15:1‑3
26:21‑23 kwf – 2Mt 15:5‑7
Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan. Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture.
Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete. Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni Waaqayyoon barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse.
Innis Filisxeemotatti duulee dallaawwan Gaati, kan Yabinee fi kan Ashdood ni diige. Ergasii Ashdood birattii fi bulchiinsota Filisxeemotaa kaan keessatti magaalaawwan deebisee ni ijaare. Yeroo inni Filisxiyaatti, Araboota Guur Baʼaalittii fi Meʼuunootatti kaʼetti Waaqni isa gargaare. Warri Amoonis Uziyaaniif gibira ni fidan; sababii inni baayʼee jabaateef gurri isaa hamma daangaa Gibxitti beekame.
Uziyaanis Yerusaalem keessatti Karra Golee irratti, Karra sululaa irrattii fi golee dallaa irratti gamoowwan eegumsaa ni ijaare. 10 Akkasumas inni sababii gaarran jalaa fi dirree irraa horii akka malee baayʼee qabuuf gammoojjii keessatti gamoowwan eegumsaa ijaaree boolla bishaanii hedduus ni qote; inni waan hojii qotiisaa jaallatuuf qottoota gaarranii fi lafa gabbataa qotanii wayiniis dhaaban qaba ture.
11 Kana malees Uziyaan hoomaa waraanaa kan akka gaarii leenjifamee waraanaaf qophaaʼe qaba ture; hoomaan waraanaa kunis dura buʼummaa Hanaaniyaa isa qondaaltota mootichaa keessaa tokko taʼe sanaan akkuma baayʼina isaaniitti garee gareedhaan Yeʼiiʼeel barreessaa sanaa fi Maʼaseyaa ajajjichaan gurmeeffame. 12 Baayʼinni hooggantota maatii kanneen loltoota irratti muudamanii walumatti 2,600 ture. 13 Ajaja isaanii jalattis hoomaa waraanaa kan namoota lolaaf leenjifaman 307,500 of keessaa qabu tokkotu ture; hoomaan kunis humna guddaa kan yeroo mootichi diinota isaatti duulutti isa gargaaruu dha. 14 Uziyaan loltoota hundaaf gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, qomee sibiilaa, xiyyaa fi furrisa dhagaa kenne. 15 Innis Yerusaalem keessatti meeshaawwan namoota ogeeyyiidhaan hojjetaman kanneen gamoowwan eegumsaatii fi goleewwan ittisaa gubbaatti xiyya darbachuu fi dhagaa furuursuuf fayyadan ijaare. Innis hamma jabaatutti waan gargaarsa argateef maqaan isaa fagootti illee balʼinaan ni beekame.
16 Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuudhaan amanamummaa Waaqayyo Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe. 17 Azaariyaa lubichis luboota Waaqayyoo warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene. 18 Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan Waaqayyoof ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif Waaqayyo Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin.
19 Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe. 20 Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture.
21 Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa Waaqayyoo irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
22 Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru. 23 Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.