10
Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif. Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti. Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle. Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.
Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata”* jedhee waan kana barreesseeraatii. Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’ hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf; “Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’ hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf. Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;”§ innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha; kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. 10 Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya. 11 Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu”* jedhaatii. 12 Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa. 13 “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? 15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.
16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?”§ jedhaatii. 17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama. 18 Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru:
“Sagaleen isaanii lafa hunda,
dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”*
19 Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee,
“Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha;
saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa”
jedha. 20 Isaayyaasis ija jabinaan,
“Warri na hin barbaadin na argatan;
warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe”
jedha. 21 Waaʼee Israaʼel garuu,
“Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti
harka koo nan diriirfadheӤ
jedha.
* 10:5 10:5 Lew 18:5 10:6 10:6 KeD 30:13 10:7 10:7 KeD 30:13 § 10:8 10:8 KeD 30:14 * 10:11 10:11 Isa 28:16 10:13 10:13 Yoe 2:32 10:15 10:15 Isa 52:7 § 10:16 10:16 Isa 53:1 * 10:18 10:18 Far 19:4 10:19 10:19 KeD 32:21 10:20 10:20 Isa 65:1 § 10:21 10:21 Isa 65:2