19
Sababii Kufaatii Baabiloniitiif Galata Galchuu!
Kana booddee waan akka huursaa sagalee tuuta namootaa guddaa tokko samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
“Haalleluuyaa!
Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti;
murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii.
Inni sagaagaltittii guddoo,
ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera;
dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera.”
Ammas,
“Haalleluuyaa!
Aarri ishees bara baraa hamma bara baraatti ol ni baʼa”
jedhanii iyyan.
Maanguddoonni digdamii afranii fi uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran kufanii Waaqa teessoo irra taaʼee jiru sanaaf sagadan; sagalee guddaadhaanis,
“Ameen; Haalleluuyaa!” jedhan.
Ergasiis sagaleen,
“Isin garboonni isaa hundinuu,
warri isa sodaattan,
xinnaanis guddaanis,
Waaqa keenya jajadhaa”
jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.
Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe:
“Haalleluuyaa!
Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii.
Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas;
ulfinas isaaf ni kennina!
Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii;
misirrittiin isaas of qopheessiteerti.
Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame,
adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.”
Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa.
 
Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe.
10 Anis isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu akkana naan jedhe; “Naaf hin sagadin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee warra Yesuusiif dhugaa baʼan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi! Dhuga baʼumsi Yesuus hafuura raajiitii.”
Loltuun Samii Bineensicha Moʼachuu Isaa
11 Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. 12 Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. 13 Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. 14 Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. 15 Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.”* Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. 16 Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:
Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
17 Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa; 18 kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif.”
19 Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge. 20 Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman. 21 Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.
* 19:15 19:15 Far 2:9