4
Teessoo Samii Keessaa
Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe. Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture. Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa* yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture. Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan. Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha. Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture.
Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan. Uumamni lubbuu§ qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa* barrisu fakkaata ture. Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa,
“ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’
inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru,
‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ”
jedhanii faarfachuu hin dhiisan. Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, 10 maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu:
11 “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya,
ati waan hunda waan uumteef,
isaan fedhii keetiin waan uumamaniif,
waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi
humna fudhachuun siif ni mala.”
* 4:3 4:3 Yaasphiidiitii – Dhagaa gatii guddaa kan yeroo baayʼee magariisa taʼee dha. Bifa keelloo (daalacha), magaala yookaan diimaa qabaachuu dandaʼa. 4:3 4:3 Sardiyoon – dhagaa gatii guddaa kan yeroo baayʼee diimatuu dha. 4:3 4:3 maragdi – dhagaa gatii guddaa kan magariisa taʼee dha. § 4:7 4:7 His 1:10 * 4:7 4:7 risaa – (Leenca, sangaa, nama, risaa) afran isaanii iyyuu tokkummaadhaan guutummaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii tokko taʼanii Waaqa galateeffatan sanaa iddoo buʼu. 4:8 4:8 Isa 6:3