21
Daawit Gara Noob Deemuu Isaa
Daawit gara magaalaa Noob Abiimelek lubicha bira dhaqe. Ahiimelekis yeroo isa argetti hollatee, “Ati maaliif kophaa kee deemta? Maaliif namni tokko illee si wajjin hin jirru?” jedhee gaafate.
Daawitis Ahiimelek lubichaan akkana jedhe; “Mootichi, ‘Namni tokko iyyuu waaʼee ergama keetiitii fi qajeelfama keetii beekuu hin qabu’ jedhee na ajajeera. Namoota koo immoo akka isaan iddoo tokkotti na eegan itti himeera. Egaa isin maal of harkaa qabdu? Buddeena shan yookaan waanuma argachuu dandeessan naa kennaa.”
Lubichi garuu Daawitiin, “Ani buddeena namni kam iyyuu nyaachuu dandaʼu asii hin qabu; taʼus buddeenni qulqullaaʼaan namoonni dubartii bira hin gaʼin qofti nyaachuu dandaʼan as jira” jedhe.
Daawitis, “Dhugumaan akkuma yeroo ani baʼu hunda taʼaa ture sana dubartoonni nurraa dhowwamaniiru. Ergama qulqulluu hin taʼin irratti iyyuu miʼi dargaggootaa qulqulluu dha. Harʼa immoo hammam caalaatti haa qulqullaaʼuu ree!” jedhee deebise. Kanaafuu lubichi buddeena qulqulleeffame sana isaaf kenne; buddeena ilaalchaa kan gaafas buddeena hoʼaadhaan iddoo buufamuuf fuula Waaqayyoo duraa fuudhame sana malee buddeenni biraa achi hin turreetii.
Gaafasis tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko akka fuula Waaqayyoo dura turu dirqisiifamee ture; innis Dooʼeeg namicha Edoom, itti gaafatamaa tiksee Saaʼol ture.
Daawitis, “Ati eeboo yookaan goraadee asii hin qabduu? Ani sababii hojiin mootichaa ariifachiisaa taʼeef goraadee yookaan miʼa lolaa tokko illee hin fidannee?” jedhee Ahiimelekin gaafate.
Lubichis deebisee akkana jedhe; “Goraadeen Gooliyaad Filisxeemichaa kan ati Sulula Eelaa keessatti ajjeefte sanaa as jira; innis huccuudhaan maramee dirataan duuba jira. Yoo barbaadde fudhadhu; isa malee goraadeen biraa as hin jiru” jedheen.
Daawitis, “Kan akka isaa hin jiruutii naa kenni” jedhe.
Daawit Gara Gaatitti Baqate
10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe. 11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, “Daawit kun mooticha biyyattii mitii?” Inni kan isaan:
“ ‘Saaʼol kumaatama ajjeese;
Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’
jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?”
12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate. 13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.
14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; “Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan? 15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?”