28
Saaʼolii fi Eker Dubbiftuu Tokko
Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe.
Aakiish deebisee, “Baayʼee gaarii dha; ani bara jireenya koo guutuu waardiyyaa koo sin godhadha” jedhe.
Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate. Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame. Innis Waaqayyoon gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef. Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe.
Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan.
Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
10 Saaʼolis maqaa Waaqayyootiin isheef kakatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe.
11 Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte.
Innis, “Saamuʼeelin ol naaf baasi” jedhe.
12 Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
13 Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe.
Dubartiin sunis, “Ani hafuura lafa keessaa ol baʼaa jiru tokko nan arga” jette.
14 Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate.
Isheenis, “Jaarsi wayyaa dheeraa uffate tokko ol baʼaa jira” jette.
Saaʼolis akka namni sun Saamuʼeel taʼe beeke; gad jedhees addaan lafatti gombifamee sagade.
15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe.
Saaʼolis akkana jedheen, “Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Waaqnis narraa garagaleera. Inni raajotaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe.”
16 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga Waaqayyo sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta? 17  Waaqayyo waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. Waaqayyo mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera. 18 Sababii ati Waaqayyoof hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif Waaqayyo harʼa waan kana sitti fideera. 19 Israaʼelii fi siʼi illee Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. Waaqayyos loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.”
20 Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
21 Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera. 22 Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
23 Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide.
Taʼus namoonni isaa dubartittii wajjin isa jajjabeessinaan inni isaan dhagaʼe. Lafaa kaʼees siree irra taaʼe.
24 Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite. 25 Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.