30
Daawit Amaaleqoota Barbadeesse
Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban; dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.
Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan. Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan. Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan. Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu Waaqayyo Waaqa isaatiin jabina argate.
Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef; Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate.
Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen.
Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan. 10 Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.
11 Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif. 12 Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
13 Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate.
Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme. 14 Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.”
15 Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen.
Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe.
16 Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan. 17 Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne. 18 Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate. 19 Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide. 20 Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.
21 Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate. 22 Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan.
23 Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Waaqayyo nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera. 24 Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.” 25 Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.
26 Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota Waaqayyoo keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.
27 Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif, 28 warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa, 29 warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif, 30 warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak, 31 warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.