9
Saamuʼeel Saaʼolin Dibuu Isaa
Gosa Beniyaam keessaa namicha jabaa maqaan isaa Qiish jedhamu tokkotu ture; innis ilma Abiiʼeel, ilma Xiroor, ilma Bekooraat, ilma namicha gosa Beniyaam sanaa ilma Afiiyaa ture. Innis dargaggeessa miidhagaa Saaʼol jedhamu tokko qaba ture; namoota Israaʼel keessaa namni isa caalaa miidhagu tokko iyyuu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
Yeroo sanas Qiish abbaa Saaʼol jalaa harroonni badnaan, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Tajaajiltoota keessaa nama tokko fudhadhuutii dhaqii harroota sana barbaadi” jedhe. Kanaafuu inni biyya gaaraa Efreemii fi naannoo Shaaliishaa jedhamu keessa naannaʼe; garuu harroota hin arganne. Isaanis biyya Shaʼaliim keessa darban; taʼus harroonni sun achi hin turre. Ergasiis biyya Beniyaamotaa keessa naannaʼan; garuu harroota sana hin arganne.
Yommuu biyya Zuufi gaʼanittis Saaʼol tajaajilaa isa wajjin ture sanaan, “Sababii abbaan koo yoona waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee keenya yaaddaʼuuf kottu ni deebinaa!” jedhe.
Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo! Magaalaa kana keessa namni Waaqaa tokko jira; innis guddaa kabajamaa dha; wanni inni jedhu tokko iyyuus lafa hin buʼu. Inni karaa deemuu qabnu nutti hima taʼaatii kottu isa bira dhaqnaa” jedhe.
Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Nu yoo dhaqne namichaaf maal kennina? Nyaanni korojoo keenya keessaa dhumeera. Kennaa nama Waaqaatiif geessinu tokko illee hin qabnu. Egaa maal qabna ree?” jedhe.
Tajaajilaan sun ammas deebisee, “Kunoo ani meetii saqilii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko qaba. Akka inni karaa deemuu qabnu nutti himuuf waan kana nama Waaqaatiif nan kenna” jedheen. Bara durii Israaʼel keessatti namni Waaqa kadhachuu dhaqu tokko, “Kottaa gara nama mulʼata arguu dhaqnaa” jedha ture; sababiin isaa namni harʼa raajii jedhamu bara durii nama mulʼata argu jedhama tureetii.
10 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Gaarii dha; kottu ni deemnaa” jedhe. Kanaafuu kaʼanii gara magaalaa namni Waaqaa sun turee dhaqan.
11 Utuu isaan gara magaalaatti gaara ol baʼaa jiranuu dubarran bishaan waraabuuf deeman arganii, “Namichi mulʼata argu sun as jiraa?” jedhanii gaafatan.
12 Isaanis deebisanii akkana jedhan; “Eeyyee ni jira; inni fuula keessan dura jira. Namoonni waan gaara sagadaa irratti aarsaa dhiʼeessaniif inni amma gara magaalaa keenyaa dhufeeraatii dafaa. 13 Akkuma magaalaa seentaniin utuu inni nyaataaf gaaratti ol hin baʼin isa ni argattu. Inni waan qalma sana eebbisuu qabuuf utuu inni hin dhufin namoonni nyaachuu hin jalqaban; sana booddee warri waamaman ni nyaatu. Ammuma ol baʼaa; daftanii isa ni argattu.”
14 Isaanis gara magaalaatti ol baʼan; utuma isaan magaalaa sana seenaa jiranuus Saamuʼeel gaara sagadaatti ol baʼuuf jedhee karaatti isaanitti dhufe.
15 Utuu Saaʼol hin dhufin guyyaa tokko dura Waaqayyo waan kana Saamuʼeelitti mulʼisee ture: 16 “Bori yeroo kanatti biyya Beniyaam irraa nama tokko sitti nan erga. Saba koo Israaʼel irratti bulchaa godhiitii isa dibi; innis saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni baasa. Sababii iyyi isaa na bira gaʼeef, ani saba koo ilaaleeraatii.”
17 Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, Waaqayyo, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen.
18 Saaʼol karaa irratti Saamuʼeelitti dhiʼaatee, “Maaloo manni namicha mulʼata argu sanaa eessa akka taʼe natti himtaa?” jedhee gaafate.
19 Saamuʼeelis akkana jedhee deebise; “Namichi mulʼata argu sun anuma. Isin harʼa waan na wajjin nyaata nyaachuu qabdaniif na dura gaara sagadaatti ol baʼaa. Ani immoo bori ganama sin geggeessa; waan garaa kee jiru hundas sitti nan hima. 20 Waaʼee harroota guyyaa sadiin dura badan sanaa hin yaaddaʼin; isaan argamaniiru. Hawwiin Israaʼel hundi eenyuufii? Siʼii fi mana abbaa keetiitiif mitii?”
21 Saaʼolis deebisee, “Ani nama gosa Beniyaam kan gosoota Israaʼel hunda keessaa gad aanaa taʼe sana mitii? Maatiin koo immoo maatiiwwan gosa Beniyaam hunda keessaa gad aana mitii? Yoos ati maaliif waan akkanaa natti dubbatta ree?” jedhe.
22 Saamuʼeelis Saaʼolii fi tajaajilaa Saaʼol galmatti ol galchee warra nyaataaf waamaman kanneen soddoma taʼaniin gara olii isaan teessise. 23 Saamuʼeel namicha nyaata qopheessuun, “Gumaa foonii isa ani kophaa kaaʼi siin jedhe sana fidi” jedhe.
24 Namichi nyaata qopheessu sunis foon lukaa guutummaatti fuudhee fuula Saaʼol dura kaaʼe. Saamuʼeelis, “Kun waan siif kaaʼamee dha. Kunis yeroo ani, ‘Ani keessummoota waameera’ jedhee jalqabee yeroo murtaaʼaa kanaaf kophaatti siif kaaʼameeraatii nyaadhu” jedheen. Saaʼolis gaafa sana Saamuʼeel wajjin nyaate.
25 Erga gaara sagadaa irraa gara magaalaatti gad buʼanii booddee Saamuʼeel bantii mana isaa irratti Saaʼol wajjin haasaʼe. 26 Isaanis ganama barii kaʼan; Saamuʼeelis bantii manaa irraa Saaʼolin waamee, “Qophaaʼi ani sin geggeessa” jedheen. Yeroo Saaʼol qophaaʼettis innii fi Saamuʼeel walii wajjin gad baʼan. 27 Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, “Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi” jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, “Akka ani ergaa Waaqaa sitti himuuf ati xinnoo as turi” jedhe.