16
Daawitii fi Ziibaa
Daawit fiixee gaarichaa darbee xinnoo erga deemee booddee Ziibaan tajaajilaan Mefiibooshet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija wayinii dhibba tokko, bixxillee ija harbuu dhibba tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko feʼee isa simachuuf itti dhufe.
Mootichis, “Kana hunda maaliif fidde?” jedhee Siibaa gaafate.
Ziibaan immoo, “Harroota akka maatiin mootichaa Yaabbataniif, buddeenaa fi bixxillee ija wayinii akka namoonni nyaataniif, daadhii wayinii immoo akka warri gammoojjii keessatti dadhaban ittiin bayyanataniif” jedhee deebise.
Mootichis, “Ilmi ilma gooftaa keetii eessa jira?” jedhee gaafate.
Ziibaan immoo deebisee, “Inni waan, ‘Manni Israaʼel harʼa mootummaa akaakayyuu kootii naa deebisa’ jedhee yaaduuf Yerusaalem keessa jiraata” jedhe.
Mootichis Ziibaadhaan, “Wanni kan Mefiibooshet taʼe hundinuu amma kan kee ti” jedhe.
Ziibaanis, “Ani akkan fuula gooftaa kootii, fuula mootichaa duratti surraa argadhuuf ofi qabeen si kadhadha” jedhe.
Saamiin Daawitin Abaare
Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe. Innis utuma qondaaltonnii fi waardiyyoonni Daawit hundinuu mirgaa fi bitaan Daawitin marsanii jiranuu hunda isaaniitti dhagaa darbachaa ture. Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; “Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana! Waaqayyo dhiiga mana Saaʼol kan ati iddoo isaa buutee moote sanaa hundaaf gatii kee siif kenneera. Waaqayyo mootummaa kee sirraa fuudhee ilma kee Abesaaloomiif kenneera. Ati sababii nama dhiigaa taateef ni badda!”
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa mootichaan, “Sareen duʼaan kun maaliif gooftaa koo mooticha abaara? Ani dhaqeen mataa isaa irraa kuta” jedhe.
10 Mootichi garuu akkana jedhe; “Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Waaqayyo, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?”
11 Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; “Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Waaqayyo isa ajajeef inni na haa abaaru. 12 Tarii Waaqayyo dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa.”
13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa karaa isaanii itti fufan; Shimeʼiin immoo isa abaaraa, dhagaa itti darbachaa, awwaaras itti bittinneessaa fuullee isaatiin gaara cina deemaa ture. 14 Mootichii fi namoonni isa wajjin turan hundi dadhabbii guddaadhaan dhufanii achitti aara galfatan.
Gorsa Kusiitii fi Ahiitofel
15 Yeroo kanattis Abesaaloomii fi namoonni Israaʼel hundi gara Yerusaalem dhufan; Ahiitofelis isa wajjin ture. 16 Huushaayi namichi gosa Arkii michuun Daawit sun Abesaaloom bira dhaqee, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Yaa mootii bara baraan jiraadhu!” jedheen.
17 Abesaaloomis, “Jaalalli ati michuu keetiif qabdu kanaa? Ati maaliif michuu kee wajjin hin deemne?” jedhee Huushaayin gaafate.
18 Huushaayi immoo Abesaaloomiin akkana jedhe; “Lakki; ani kan nama Waaqayyo, sabni kunii fi namoonni Israaʼel hundi filatanii nan taʼa; isa wajjinis nan jiraadha. 19 Kanaa achi ani eenyun tajaajila? Ani Ilma tajaajiluu hin qabuu? Ani akkuman abbaa kee tajaajile sana siʼi illee nan tajaajila.”
20 Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe.
21 Ahiitofelis deebisee, “Ol seeniitii saajjatoowwan abbaa keetii kanneen inni akka isaan masaraa mootii eeganiif dhiisee biraa deeme wajjin ciisi. Ergasii Israaʼeloonni hundi akka ati abbaa kee jibbite dhagaʼanii, harki warra si wajjin jiran hundaas ni jabaataa” jedheen. 22 Kanaafuu bantii manaa irra Abesaaloomiif dunkaana dhaaban; innis Israaʼeloota hunda duratti saajjatoowwan abbaa isaa wajjin ciise.
23 Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha.