18
Abesaaloom Duʼuu Isaa
Daawit namoota isa wajjin turan lakkaaʼee ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa muudeef. Daawitis harka sadii keessaa harka tokko ajaja Yooʼaab jalatti, harka tokko ajaja Abiishaayi obboleessa Yooʼaab ilma Zeruuyaa jalatti, harka tokko immoo ajaja Itaayii namicha Gitii jalatti hiriirsee bobbaase. Mootichis loltootaan, “Ani mataan koo dhugumaan isin wajjin nan baʼa” jedhe.
Namoonni garuu akkana jedhaniin; “Ati deemuu hin qabdu; yoo nu baqachuuf dirqamne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; yoo walakkaan keenyas dhumne isaaniif homaa miti; ati garuu nama akka keenyaa kuma kudhan caalta. Kanaafuu ati yoo magaalaa keessa turtee nu gargaarte wayya.”
Mootichis, “Ani waan gaarii isinitti fakkaate kam iyyuu nan godha” jedhee deebise.
Kanaafuu mootichi yeroo loltoonni hundi garee dhibbaatii fi garee kumaatiin qajeelanitti karra bira dhaabachaa ture. Mootichis Yooʼaab, Abiishaayii fi Itaayiin, “Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessichaaf garaa laafaa” jedhee ajaje. Loltoonni hundinuus ajaja Daawit waaʼee Abesaaloom ajajjootaaf kenne dhagaʼan.
Loltoonnis Israaʼelin waraanuuf dirree waraanaatti baʼan; lollis bosona Efreem keessatti kaʼe. Achittis loltoonni Israaʼel loltoota Daawitiin dhaʼaman; hubaatiin gaafasiis akka malee guddaa ture; namoota kuma digdamatu dhume. Lolli sunis guutummaa baadiyyaatti babalʼate; namoota goraadeen fixe caalaa kan bosonni liqimsee hambisetu baayʼata.
Abesaaloom yeroo kanatti akka tasaa namoota Daawititti dhufe. Innis gaangoo isaa yaabbatee deemaa ture; utuma gaangoon isaa dameelee gobbuu qilxuu guddaa tokkoo jala darbaa jirtuu mataan Abesaaloom muka keessatti qabame. Innis qilleensa irratti rarraʼee hafe; gaangoon inni yaabbatee ture sun garuu deemsa ishee ittuma fufte.
10 Namichi tokko yommuu waan kana argetti, “Ani akka Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee jiru ammuma argeera” jedhee Yooʼaabitti hime.
11 Yooʼaabis namicha waan kana isatti himeen, “Maal jetta! Ati isa argiteertaa? Maaliif achumatti rukuttee lafaan isa dhaʼuu dhiifte? Silaa ani meetii saqilii kudhanii fi sabbata jagnummaa sin badhaasa turee” jedhe.
12 Namichi sun garuu, akkana jedhee deebise; “Utuu saqiliin kuma tokko harka kootti naaf safaramee iyyuu ani ilma mootiitti harka koo ol hin fudhadhu. Mootichi utuu nu dhageenyuu siʼi, Abiishaayii fi Itaayiin, ‘Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessicha eegaa’ jedhee ajajeera. 13 Karaa biraa immoo utuu ani kutadhee lubbuu isaa balleessee, sababii wanti mooticha duraa dhokatu tokko iyyuu hin jirreef ati mataan kee iyyuu natti hin dhiʼaattu ture.”
14 Yooʼaabis, “Kana booddee ani haala kanaan si wajjin yeroo balleessuu hin qabu” jedhe. Kanaafuu ankaasee sadii harkatti qabatee utuma Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee lubbuun jiruu garaa isaatti dire. 15 Warri Yooʼaabiif miʼa lolaa baatan kurnanis itti naannaʼanii Abesaaloomin dhaʼanii ajjeesan.
16 Kana irratti Yooʼaab malakata afuufe; loltoonnis sababii inni isaan dhowweef Israaʼelin ariʼuu ni dhiisan. 17 Isaanis reeffa Abesaaloom fuudhanii bosona keessatti boolla guddaa tokkotti darbatanii dhagaa gurguddaa isa irra tuulan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatan.
18 Abesaaloom yeroo lubbuun turetti, “Ani ilma maqaa koo waamsisu hin qabu” jedhee iddoo Sulula Mootii jedhamutti yaadannoo ofiitiif soodduu dhaabbate. Soodduu sanas maqaa ofii isaatiin moggaase. Hamma harʼaatti illee soodduun sun Soodduu Abesaaloom jedhamee waamama.
Gadda Daawit
19 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq, “Ani dhaqee akka Waaqayyo harka diinota isaa jalaa isa baase mootichatti nan hima” jedhe.
20 Yooʼaab immoo, “Namni harʼa dhaqee himu siʼii miti; sababii ilmi mootichaa duʼeef ati yeroo biraa dhaqxee itti himta; garuu harʼa waan kana gochuu hin qabdu” jedheen.
21 Ergasiis Yooʼaab Kuushiidhaan, “Dhaqiitii waan argite mootichatti himi” jedhe. Kuushiinis fuula Yooʼaab duratti gad jedhee harka fuudhee fiigaa qajeele.
22 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq ammas Yooʼaabiin, “Wanni fedhe haa dhufu; maaloo anis Kuushii faana nan fiiga” jedhe.
Yooʼaab garuu, “Yaa ilma ko, ati maaliif dhaquu barbaadda? Ati oduu badhaasa siif kennisiisu tokko iyyuu hin qabdu” jedheen.
23 Inni immoo, “Wanni fedhe haa dhufu; ani fiiguu nan barbaada” jedhe.
Kanaafuu Yooʼaab, “Fiigi!” jedheen. Ergasii Ahiimaʼaz karaa dirreetiin fiigee Kuushii bira darbe.
24 Adoo Daawit karra alaatii fi kan keessaa gidduu taaʼee jiruu eegduun karaa dhaaba gubbaa manaatiin karaatti ol baʼe. Innis achi ilaalee nama kophaa isaa fiigu tokko arge. 25 Eegduun sunis mooticha waamee waan kana itti hime.
Mootichis, “Inni yoo kophaa isaa taʼe, oduu gaarii fiduu qaba” jedhe. Namichi sunis dhiʼaachaa dhufe.
26 Ergasiis eegduun sun utuu namni biraa fiiguu argee eegduu karraa waamee, “Kunoo namni biraa tokko kophaa isaa fiigaa jira!” jedheen.
Mootichis, “Innis oduu gaarii fiduu qaba” jedhe.
27 Eegduun sunis, “Inni jalqabaa waan akka Ahiimaʼaz ilma Zaadoqitti fiigu natti fakkaata” jedhe.
Mootichi immoo, “Inni nama gaarii dha; oduu gaarii fidee dhufa” jedhe.
28 Ahiimaʼaz mooticha waamee, “Wanni hundinuu gaarii dha” jedhe; fuula mootichaa durattis addaan lafatti gombifamee, “Waaqayyo Waaqni kee galata haa argatu; inni warra gooftaa koo mootichatti harka isaanii ol fudhatan dabarsee kenneeraatii” jedhe.
29 Mootichi immoo, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate.
Ahiimaʼazis, “Yeroo Yooʼaab garbicha mootichaatii fi ana garbicha kee erguuf kaʼetti raafama guddaatu ture. Garuu wanni sun maal akka taʼe ani hin beeku” jedhee deebise.
30 Mootichis, “As hiiqii dhaabadhu” jedhe. Kanaafuu inni achi hiiqee dhaabate.
31 Ergasiis Kuushiin dhufee, “Gooftaa koo yaa mootii, oduu gammachiisaa dhagaʼi! Waaqayyo harʼa warra sitti kaʼan hunda jalaa si baaseera” jedhe.
32 Mootichis Kuushiidhaan, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate.
Kuushiinis, “Diinonni gooftaa koo mootichaatii fi warri si miidhuuf sitti kaʼan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan” jedhee deebise.
33 Mootichi ni hollate. Kutaa manaa kan karra duraa gubbaattis ol baʼee booʼe. Yommuu ol baʼuttis, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Ilma ko, ilma koo Abesaaloom! Utuu qooda kee ani duʼee jiraadhee; yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma ko!” jedhe.