20
Saabeʼeen Daawititti Finciluu Isaa
Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye;
“Nu Daawit irraa qooda hin qabnu;
ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu!
Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!”
Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe. Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe. Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate. 10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe. 12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse. 13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan. 15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis, 16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette. 17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte.
Innis, “Ani isuma” jedhee deebise.
Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette.
Innis, “Ani dhagaʼaan jira.”
18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture. 19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu! 21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.”
Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette.
22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
 
23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti,
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe;
24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame;
Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe;
25 Shewwaan barreessaa,
Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.