4
Iish-Booshet Ajjeefame
Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame. Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama; namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii.
Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture.
Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture. Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan.
Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan. Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa Waaqayyo Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin.
Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa, 10 kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha! 11 Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?”
12 Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan.