4
Qajeelfama Xiimotewosiif Kenname
Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata. Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa. Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju. Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata. Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi. Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada. Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha. 10 Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
11 Wantoota kanneen ajaji; barsiisis. 12 Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin. 13 Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu. 14 Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
15 Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni. 16 Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.