6
Garboota
Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan. Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan.
Barsiistota Sobaa fi Jaalala Maallaqaa
Atis waan kana barsiisi; gorsis. Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle, inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida; namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama.
Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba. Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa. Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu. 10 Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa
11 Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi. 12 Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu. 13 Ani fuula Waaqa waan hundaaf jireenya kennuu duratti, fuula Kiristoos Yesuus kan yommuu Phonxoos Phiilaaxoos duratti dhugaa baʼetti akka gaarii beeksise sanaa durattis, 14 akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa. 15 Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa; 16 kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen.
17 Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. 18 Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji. 19 Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
20 Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu; 21 namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii.
 
 
Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.