10
Waaqayyo Yihuudaa ni Kunuunsa
Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf
Waaqayyoon kadhadhaa;
bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha.
Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf,
biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.
Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu;
raajonni mulʼata sobaa argu;
isaan abjuu sobaa namatti himu;
waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu.
Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee
hacuucamee asii fi achi joora.
 
“Aariin koo tiksootatti bobaʼeera;
ani reʼoota nan adaba;
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu
bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata;
lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.
Yihuudaa keessaa dhagaan golee,
isa keessaa qofoon dunkaanaa,
isa keessaa iddaan lolaa,
isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.
Isaan akkuma namoota jajjaboo
waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu.
Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf
isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
 
“Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa;
mana Yoosefis nan oolcha.
Ani waanan garaa isaaniif laafuuf
deebisee isaan nan dhaaba.
Isaan akkuma waan ani duraanuu
isaan hin gatinii taʼu;
ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti;
deebiis isaaniif nan kenna.
Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu;
garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada.
Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu;
garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada.
Ani siiqsee
walitti isaan nan qaba.
Ani dhugumaan isaan nan fura;
isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.
Yoo ani saboota gidduutti
isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu.
Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu;
ni deebiʼus.
10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida;
Asoor keessaas walittin isaan qaba.
Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida;
iddoon isaan gaʼus hin argamu.
11 Inni galaana rakkinaa keessa darba;
dhaʼaa galaanaas ni rukuta;
tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu.
Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa;
bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.
12 Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa;
isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu”
jedha Waaqayyo.