2
Namicha Funyoo Safaraa Qabu
Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture! Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe.
Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise.
Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati. Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Waaqayyo.
“Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha Waaqayyo; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha Waaqayyo.
“Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!” Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee, akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo. 11 “Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta. 12  Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata. 13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”