12
Phexros Dinqiidhaan Mana Hidhaatii Baʼe
Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe. Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese. Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe. Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe.
Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.
Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen. Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne. 10 Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke.
11 Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe.
12 Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe. 13 Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte. 14 Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte.
15 Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan.
16 Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan. 17 Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe.
18 Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan. 19 Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje.
Duʼa Heroodis
Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate. 20 Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii.
21 Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate. 22 Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan. 23 Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
24 Dubbiin Waaqaa garuu ittuma fufee guddachaa, babalʼachaas deeme.
Barnaabaasii fi Saaʼol Geggeeffaman
25 Barnaabaasii fi Saaʼol erga ergama isaanii fixatanii booddee Yohannis isa Maarqos jedhamu sana fudhatanii Yerusaalemii deebiʼan.