13
Barnaabaasii fi Saaʼol Ergaman
Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa. Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe. Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
Barnaabaasii fi Saaʼol Qophiroositti Lallaban
Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan. Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan. Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate. Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme. Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen; 10 “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu? 11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.”
Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe. 12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
Phaawulosii fi Barnaabaas Phisiidiyaa Keessatti
13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe. 14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan. 15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin.
16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa! 17 Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase; 18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse. 19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne. 20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte.
“Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne. 21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche. 22 Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera.
23 “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide. 24 Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture. 25 Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
26 “Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame. 27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan. 28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan. 29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan. 30 Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase. 31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
32 “Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana, 33 Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha;
“ ‘Ati ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera.’*
34 Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera;
“ ‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa,
isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha:
“ ‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
36 “Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore. 37 Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
38 “Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha. 39 Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa. 40 Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
41 “ ‘Ilaalaa, isin qoostota nana;
dinqisiifadhaa; dhumaas;
ani bara keessan keessa
waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee
hin amanne tokko nan hojjedha.’§
42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan. 43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame. 45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. 47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii;
“ ‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee,
hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’*
48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan.
49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame. 50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan. 51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan. 52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.
* 13:33 13:33 Far 2:7 13:34 13:34 Isa 55:3 13:35 13:35 Far 16:10 § 13:41 13:41 Anb 1:5 * 13:47 13:47 Isa 49:6