19
Phaawulos Efesoon Keessatti
Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate. Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate.
Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan.
Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate.
Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan.
Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe. Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman. Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan. Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan.
Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture. Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture. 10 Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan.
11 Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture. 12 Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
13 Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan. 14 Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru. 15 Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef. 16 Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
17 Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame. 18 Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan. 19 Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii* kuma shantama taʼe. 20 Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate.
21 Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe. 22 Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture.
Goolii Efesoon Keessatti Kaʼe
23 Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame. 24 Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture. 25 Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu. 26 Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus. 27 Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.”
28 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan. 29 Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan. 30 Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef. 31 Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan.
32 Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne. 33 Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne. 34 Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan.
35 Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa? 36 Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan. 37 Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu. 38 Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan. 39 Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama. 40 Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.” 41 Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise.
* 19:19 19:19 meetii – beesseen meetii tokko mindaa hojjetaan tokko guyyaatti argatuu dha. 19:24 19:24 Arxemiisi – waaqittii tolfamtuu dhaltii; manni qulqullummaa ishee dinqiiwwan torban addunyaa durii keessaa tokko ture.