20
Phaawulos Maqedooniyaa fi Giriik Dhaqe
Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; “Nagaatti” isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe. Innis dubbii nama jajjabeessu baayʼee uummatatti dubbachaa naannoo sana keessa darbee dhuma irratti Giriik gaʼe; achis jiʼa sadii ture. Akkuma inni dooniin Sooriyaa dhaquuf kaʼeenis sababii Yihuudoonni isatti malataniif karaa Maqedooniyaatiin deebiʼuuf kutate. Beeriyaadhaa Soophaaxroos ilma Phiiyiroos, Tasaloniiqeedhaa Arisxirokoosii fi Sekunduus, Darbeenii immoo Gaayoos isa wajjin deeman; akkasumas Xiimotewos, biyya Asiyaatii immoo Xikiqoosii fi Xiroofiimoos isa wajjin deeman. Namoonni kunneen nu dura darbanii Xirooʼaasitti nu eegan. Ayyaana Maxinoo booddee garuu Fiiliphisiyuusii dooniin kaanee bultii shan booddee warra kaan wajjin Xirooʼaasitti wal arganne; achis guyyaa torba turre.
Awuxekiis Duʼaa Kaafame
Nus guyyaa jalqaba torban sanaatti buddeena caccabsuuf jennee walitti qabamne; Phaawulos namootatti haasaʼe. Innis waan guyyaa itti aanutti deemuu barbaadeef hamma halkan walakkaatti haasaa dheeresse. Gulantaa darbii iddoo nu itti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu ture. Dargaggeessi Awuxekiis jedhamu tokkos foddaa irra taaʼaa ture; yommuu Phaawulos haasaa dheeressettis hirribni cimaan isa fudhate; utuu hirribaan of wallaalee jiruus darbii sadaffaa irraa kufe; isaanis reeffa isaa lafaa fuudhan. 10 Phaawulosis gad buʼee dargaggeessa sana irratti gombifamee isa hammachuudhaan, “Lubbuun keessa jirtiitii hin rifatinaa!” jedhe. 11 Innis darbii sanatti ol deebiʼee buddeena caccabsee nyaate; hamma lafti bariituttis yeroo dheeraa isaan wajjin haasaʼe achii deeme. 12 Namoonnis dargaggeessa sana jiraataa taʼee manatti geessan; baayʼees ni jajjabaatan.
Phaawulos Jaarsolii Waldaa Kiristaanaa Efesoon Gorse
13 Nus Phaawulosin achii fuudhuuf jennee duraan dursinee gara doonii dhaqnee dooniidhaan Asoositti qajeelle; Phaawulos miillaan deemuuf jedhee ofuma isaatii waan kana karoorfatee tureetii. 14 Asoosittis isaan wal arginee dooniidhaan Miixiiliinitti dabarre. 15 Guyyaa itti aanuttis dooniin achii kaanee fuullee Kiiyos geenye; guyyaa tokko booddees Saamoositti baane; guyyaa itti aanu immoo Miilexoos geenye. 16 Phaawulosis yoo dandaʼameef waan guyyaa Pheenxeqoosxeetiin Yerusaalem gaʼuuf ariifateef akka biyya Asiyaa keessatti yeroon isa duraa hin dhumneef jedhee dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuu murteeffatee ture.
17 Innis Miilexoosii Efesoonitti nama ergee jaarsolii waldaa kiristaanaa ofitti waamsise. 18 Isaan gara isaa dhufnaan akkana jedheen; “Ani gaafan biyya Asiyaa dhufe kan duraatii jalqabee yeroon isin wajjin jiraachaa ture sana hunda haala akkam keessa akka ani jiraachaa ture isin mataan keessan iyyuu beektu. 19 Ani yoon mala Yihuudootaatiin akka malee qorame illee gad of qabiisa guddaa fi imimmaaniin Gooftaa tajaajileera. 20 Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu. 21 Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.
22 “Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira. 23 Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa. 24 Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
25 “Ani akka isin warra ani keessa nanaannaʼee mootummaa Waaqaa lallabe kanneen keessaa namni tokko iyyuu lammata na hin argine nan beeka. 26 Kanaafuu ani dhiiga nama hundaa irraa qulqulluu taʼuu koo harʼa isinitti nan hima. 27 Ani fedhii Waaqaa hunda isinitti himuu irraa of hin qusanneetii. 28 Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa. 29 Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka. 30 Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu. 31 Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.
32 “Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha. 33 Ani meetii yookaan warqee yookaan uffata nama tokkoo iyyuu hin kajeelle. 34 Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu. 35 Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”
36 Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate. 37 Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan. 38 Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.