5
Faaruu Booʼichaatii fi Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu
Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:
“Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti;
isheen lammata hin kaatu;
biyyuma ishee keessatti gatamtee
nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
“Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef
dhibba tokko qofatu hafa;
magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef
kudhan qofatu hafa.”
Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha:
“Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
Beetʼeelin hin barbaaddatinaa;
Gilgaal hin dhaqinaa;
Bersheebaattis hin ceʼinaa.
Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti;
Beetʼeelis ni dhabamti.”
Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa;
yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa
mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa;
ibiddi sun ishee guba;
Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu
hin qabaattu.
 
Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii
qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
 
Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume,
kan dukkana bariitti geeddaru,
inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu,
kan galaana keessaa bishaan ol waamee
fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu
maqaan isaa Waaqayyoo dha.
Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida;
magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
 
10 Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu;
kan dhugaa dubbatus ni balfu.
 
11 Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii
akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu.
Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu
manneen sana keessa hin jiraattan;
isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu
daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.
12 Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi
cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii.
 
Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu;
hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.
13 Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata;
barri kun bara hamaadhaatii.
 
14 Akka lubbuudhaan jiraattaniif
waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.
Yoos akkuma isin jettan sana
Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
15 Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa;
mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa;
Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.
16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Daandii hunda irra booʼicha,
oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira.
Qonnaan bultoonni akka booʼaniif,
warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.
17 Ani gidduu keessan waanan darbuuf
iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa”
jedha Waaqayyo.
Guyyaa Waaqayyoo
18 Isin warra guyyaa Waaqayyoo
arguu hawwitaniif wayyoo!
Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu!
Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.
19 Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee
afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti;
yookaan akka nama mana isaa seenee
harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee
bofti isa idde tokkoo ti.
20 Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii?
Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
 
21 “Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas;
waldaa keessanittis hin gammadu.
22 Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu
ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu.
Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu
ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.
23 Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa!
Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.
24 Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa,
qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
 
25 “Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama
gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
26 Isin waan harkuma keessaniin tolfattan
jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii,
utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi
fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.
27 Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif,
Damaasqoodhaan gamatti isinan erga”
jedha Waaqayyo inni maqaan isaa
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.