6
Warra Yaaddoo Malee Jiraataniif Wayyoo
Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan,
kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan,
isaan namoota ulfaatoo saba durii,
kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!
Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa;
achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa;
ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa.
Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu?
Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?
Isin guyyaa hamaa fageessitanii
bulchiinsa jeequmsaa fiddu.
Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu;
siree keessan dinkii irra boqottu.
Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi
jabbii coccoomoo nyaattu.
Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu;
akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.
Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu;
dibata akka malee gaarii dibattu;
garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan.
Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin
boojiʼamtanii fudhatamtu;
burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.
Waaqayyo Of Tuulummaa Israaʼel Jibba
Waaqayyo Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa;
daʼannoo isaas nan jibba;
ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda
dabarsee nan kenna.”
Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu. 10 Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Waaqayyoo dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.
11 Kunoo Waaqayyo ajaja kenneeraatii,
manneen gurguddaan ni barbadaaʼu;
manneen xixinnoonis ni caccabu.
 
12 Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu?
Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa?
Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti,
ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;
13 isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii,
“Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
 
14  Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii;
“Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee
hamma sulula Arabbaatti
karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”