7
Hawwaannisa, Ibiddaa fi Tumbii
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse. Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe.
Waaqayyos, “Wanni kun hin taʼu” jedhe.
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse. Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe.
Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
 
Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture. Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate.
Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise.
Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
“Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu;
iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona;
ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”
Amoosii fi Amasiyaa
10 Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu. 11 Amoos akkana jedheeraatii:
“ ‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa;
Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee
biyya isaatii ni fudhatama.’ ”
12 Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu. 13 Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”
14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture. 15  Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe. 16 Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta;
“ ‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin;
mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:
“ ‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati;
ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu.
Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti;
ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta.
Israaʼel dhugumaan boojiʼamee
biyya isaatii ni fuudhama.’ ”