2
Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada. Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif; badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera. Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima. Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.
Jireenya Kiristoosiin Argamu
Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa; akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii; 10 isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu. 11 Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha; 12 isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.
13 Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise; 14 innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise. 15 Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
Sirna Foonii Jalaa Bilisa Baʼuu
16 Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin. 17 Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira. 18 Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula. 19 Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
20 Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree? 21 Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha. 22 Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru. 23 Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.