3
Akka Warra Kiristoosiin Jiraattota Taasifamaniitti Jiraachuu
Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa. Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.
Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha. Sababii kanaafis dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufa. Isinis jireenya dur jiraattan keessatti karuma akkasii irra deddeebiʼaa turtan. Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin. Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii 10 eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu. 11 Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Kiristoos garuu hunduma; hunduma keessas jira.
12 Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. 13 Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. 14 Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
15 Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. 16 Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa. 17 Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname
3:18–4:1 kwf – Efe 5:22–6:9
18 Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
19 Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
20 Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
21 Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
22 Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa. 23 Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; 24 kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha. 25 Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru.