32
Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha;
yaa lafa, atis dubbii afaan kootii dhagaʼi.
Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu;
dubbiin koos akka fixeensaa gad haa coccophu;
marga irratti akka tiifuu,
biqiltuu corqaa irrattis akka bokkaa guddaa haa roobu.
 
Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa.
Guddina Waaqa keenyaa jajadhaa!
Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu;
daandiiwwan isaa hundinuus qajeelaa dha.
Inni Waaqa amanamaa hin dogoggorre,
tolaa fi qajeelaa dha.
 
Isaan hammina isatti hojjetaniiru;
siʼachi isaan sababii qaanii isaaniitiif ijoollee isaa miti;
isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha.
Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne,
ati akkasitti Waaqayyoof deebii kennitaa?
Inni Abbaa kee, Uumaa kee,
kan si hojjetee fi si tolche mitii?
 
Baroota durii yaadadhu;
dhaloota darbe illee qalbeeffadhu.
Inni siif ibsaatii abbaa kee gaafadhu;
maanguddoota kees gaafadhu; isaan sitti himuutii.
Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti,
yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti,
akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti
namootaaf daarii dhaabe.
Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti;
Yaaqoob immoo dhaala dhuunfaa isaa ti.
 
10 Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi
gammoojjii nama gubu keessatti isa argate.
Inni gaachana taʼeefii isa eege;
akka qaroo ija isaattis isa eege;
11 akkuma risaan mana ishee diigdee
ilmaan ishee irra qoochoo qabdu,
akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu,
akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana,
12  Waaqayyo qofatu isa geggeesse;
waaqni ormaa tokko iyyuu isa wajjin hin turre.
 
13 Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise;
midhaan lafa qotiisaa isa soore.
Kattaa keessaa damma isa nyaachise;
dhagaa gurraacha keessaa immoo zayitii kenneef;
14 dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee,
xobbaallaawwanii fi reʼoota cooman,
korbeeyyii hoolaa filatamoo Baashaan,
ija qamadii gaariis isa soore.
Ati cuunfaa dhiiga wayinii qulqulluus ni dhugde.
 
15 Yishuruun ni gabbate; ni dhiite;
nyaatee quufe; ni ulfaate; ni cululuqe.
Waaqa isa uume ni dhiise;
Kattaa Fayyisaa isaa taʼes ni tuffate.
16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan;
waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.
17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif,
waaqota hin beekiniif,
waaqota reefuu dhufaniif,
waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
18 Ati Kattaa si dhalche gante;
Waaqa si uume irraanfatte.
 
19  Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate;
inni ilmaanii fi intallan ofii isaatti aareeraatii.
20 Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha;
dhuma isaaniis nan arga” jedhe;
isaan dhaloota jalʼaa,
ijoollee hin amanamneedhaatii.
21 Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan;
waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan.
Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha;
saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa.
22 Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii;
innis hamma siiʼoolitti gad dhidhimee ni bobaʼa.
Lafaa fi waan isheen baaftu ni nyaata;
hundee tulluuwwaniitti illee ibidda qabsiisa.
 
23 “Ani waan hamaa isaan irra nan tuula;
xiyya koos isaanitti nan fixadha.
24 Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi
dhaʼicha isaanitti nan erga;
ilkaan bineensaa qaramaa isaa,
hadhaa buutii lafa irra lootuus isaanitti nan erga.
25 Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha;
mana isaaniitti sodaatu moʼa.
Dargaggoonnii fi dargaggeettiiwwan,
daaʼimmanii fi maanguddoonni ni dhumu.
26 Anis isaan nan bittinneessa;
yaadannoo isaaniis sanyii namaa keessaa nan balleessa.
27 Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii,
‘Harka keenyatu moʼate malee,
Waaqayyo waan kana hunda hin goone’ hin jenne,
ani dhaadannoo diinaa sodaadheera.”
 
28 Isaan saba qalbii hin qabne,
kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha.
29 Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii
silaa dhuma isaanii ni beeku turan!
30 Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee,
yoo Waaqayyo dabarsee isaan kenne malee,
akkamitti namni tokko nama kuma tokko
yookaan namni lama nama kuma kudhan gugsa?
31 Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti;
kana immoo diinonni keenya iyyuu hin ganan.
32 Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi
lafa qotiisaa Gomoraa irraa dhufa.
Iji wayinii isaanii summiidhaan,
hurbuun isaaniis waan hadhaaʼuun guutameera.
33 Wayiniin isaanii hadhaa bofaa,
summii bofa hadhaan isaa nama ajjeesuu ti.
 
34 “Kun waan na biratti eegame,
kan galmee koo keessattis chaappaadhaan cufame mitii?
35 Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa.
Yeroo isaatti miilli isaanii ni mucucaata;
guyyaan badiisa isaanii dhiʼaateera;
badiisni isaaniis isaanitti ariifateera.”
 
36  Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban,
akka garbichis taʼu namni birmaduun tokko iyyuu hin hafne argutti,
saba isaatiif ni murteessa;
tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
37 Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan,
waaqonni tolfamoon isaanii amma eessa jiru?
38 Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan,
kanneen dhibaayyuu daadhii wayinii isaanii dhuganis eessa jiru?
Mee kaʼanii isaan haa gargaaran!
Mee daʼannoo haa kennaniif!
 
39 “Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa!
Ana malee Waaqni biraa hin jiru.
Ani nan ajjeesa; nan jiraachisas;
nan madeessa; nan fayyisas;
namni harka kootii baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
40 Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii
harka koo samiitti ol qabee nan kakadha;
41 ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee
harki koo murtiidhaaf isa qabatutti,
ani diinota koo haaloo nan baʼa;
warra na jibbaniif illee waan isaaniif malu nan kenna.
42 Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti,
ani akka xiyyi koo dhiigaan machaaʼu nan godha;
dhiigni sunis dhiiga warra qalamaniitii fi boojiʼamanii
kan mataa hooggantoota diinaa ti.”
 
43 Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf,
yaa sabootaa, namoota isaa wajjin gammadaa.
Inni diinota isaa haaloo baʼa;
biyyaa fi saba isaatiif araara ni buusa.
44 Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise. 45 Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti, 46 akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa. 47 Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
Museen Tulluu Neboo Irratti Duʼuu Isaa
48 Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime; 49 “Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali. 50 Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta. 51 Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif. 52 Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”