33
Museen Gosoota Israaʼel Eebbisuu Isaa
33:1‑29 kwi – Uma 49:1‑28
Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana; innis akkana jedhe:
Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe;
isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe;
Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise.
Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe;
karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
Dhugumaan situ saba jaallata;
qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru.
Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu;
qajeelfamas sirraa argatu;
Museen seera nuu kenneera;
kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
Yeroo hooggantoonni sabaa
gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti
inni Yishuruun irratti mootii ture.
 
“Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin;
yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe:
“Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi;
gara saba isaattis isa fidi.
Inni harka ofii isaatiin of haa eegu.
Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe:
“Tumiimii fi Uriimiin kee
tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu.
Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte;
bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
Waaʼee abbaa fi haadha isaas,
‘Ani isa hin argine’ jedhe.
Inni obboloota isaa addaan hin baafanne;
ijoollee isaas hin beekne;
isaan dubbii keetiif ajajamanii
kakuu kee eeganiiruutii.
10 Inni ajaja kee Yaaqoobin,
seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa.
Fuula kee duratti ixaana,
iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
11 Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif;
waan harki isaa hojjetuttis gammadi.
Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi;
akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
12 Waaʼee Beniyaam akkana jedhe:
“Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu;
inni guyyaa guutuu isa eegaatii;
namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
13 Waaʼee Yoosef akkana jedhe:
Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu;
fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan
bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun,
waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin,
badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin,
surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu.
Isaan kunneen hundi mataa Yoosef
kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata;
gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti.
Isaaniinis hamma daarii lafaatti
saboota ni waraana.
Isaanis kuma kurnan Efreem,
akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe:
“Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin,
Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu;
achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu;
isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin,
qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe:
“Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha!
Gaad irree fi mataa caccabsaa
akka leencaatti achi jiraata.
21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate;
qoodni hooggantootaa isaaf turfame.
Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti,
inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi
murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe:
“Daan akka ilmoolee leencaa
kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe:
“Niftaalem surraa gonfateera;
eebba Waaqayyootiinis guutameera;
inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe:
“Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha;
inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu;
miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa;
jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
 
26 “Waaqni akka Waaqa Yishuruun,
kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra,
surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
27 Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti;
irreen bara baraas si jalaan jira.
Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee
diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata;
lafa fixeensi samii itti coccophutti,
biyya midhaanii fi wayinii haaraatti
namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha!
Sabni Waaqayyo isa fayyise,
kan akka keetii eenyu?
Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti;
goraadee ulfina keetiitis.
Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu;
ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”