4
Seeraaf Ajajamuu
Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa. Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera; isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera. Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa. Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami? Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi. 10 Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa. 11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan. 12 Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture. 13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse. 14  Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
Waaqota Tolfamoo Waaqeffachuun Dhowwaa dha
15 Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa; 16 kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne 17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu 18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef. 19 Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin. 20  Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
21  Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate. 22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu. 23 Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa. 24  Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan, 26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu. 27  Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu. 28 Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu. 29 Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu. 30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta. 31  Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
Waaqayyo Waaqa
32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa? 33 Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa? 34 Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
35 Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru. 36 Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse. 37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide; 38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
39 Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru. 40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
Magaalaawwan Itti Kooluu Galan
4:41‑43 kwi – Lak 35:6‑34; KeD 19:1‑14; Iya 20:1‑9
41 Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate; 42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa. 43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
Ibsa Seericha Irratti Kenname
44 Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha. 45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha; 46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti. 47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan. 48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata; 49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.