5
Ajajawwan Kurnan
5:6‑21 kwf – Bau 20:1‑17
Museen Israaʼeloota hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe:
Yaa Israaʼel ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa utuma isin dhageessanuu labsu kana dhagaʼaa. Baradhaatii jabeessaa isaan duukaa buʼaa. Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti nu wajjin kakuu gale. Waaqayyo kakuu kana nu wajjin, nu warra harʼa lubbuudhaan as jiraannu hunda wajjin gale malee abbootii keenya wajjin hin galle. Waaqayyo tulluu irratti ibidda keessaa ifaan ifatti isinitti dubbate. Yeroo sanatti waan isin ibidda sodaattanii tulluutti ol hin baʼiniif ani dubbii Waaqayyoo isinitti himuuf isinii fi Waaqayyo gidduun dhaabadhe.
Innis akkana jedhe:
 
“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
 
“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin. Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee 10 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
11 Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
12 Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi. 13 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; 14 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan. 15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo Waaqayyo Waaqni kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje.
16 Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
17 Hin ajjeesin.
18 Hin ejjin.
19 Hin hatin.
20 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
21 Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
 
22 Ajajawwan Waaqayyo tulluu gubbaatti, ibidda, duumessaa fi dukkana limixii keessa waldaa keessan guutuutti sagalee guddaadhaan labse kanneenii dha; wanni inni itti dabales hin jiru. Ergasiis inni ajajawwan sana gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee natti kenne.
23 Yeroo isin utuu tulluun sun ibiddaan bobaʼuu dukkana keessaa sagalee sana dhageessanitti, hooggantoonni gosoota keessaniitii fi maanguddoonni keessan hundi gara koo dhufan. 24 Isinis akkana jettan; “Kunoo Waaqayyo Waaqni keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Waaqni isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra. 25 Amma garuu nu maaliif duuna? Nu yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keenyaa deebinee dhageenye ni duuna; ibiddii guddaan kunis nu barbadeessa. 26 Nama duʼaa hin oolle hunda keessaa eenyutu takkumaa sagalee Waaqa jiraataa ibidda keessaa dubbatuu dhagaʼee akka nu dhageenyee jiraanne kana utuu hin duʼin hafe? 27 Itti dhiʼaadhuutii waan Waaqayyo Waaqni keenya jedhu hunda dhagaʼi. Ergasii immoo waan Waaqayyo Waaqni keenya sitti himu hunda nutti himi. Nu ni dhaggeeffannaa; ni ajajamnas.”
28  Waaqayyo yommuu isin natti dubbattanitti isin dhagaʼeera; Waaqayyos akkana naan jedhe; “Ani waan namoonni kunneen siin jedhan dhagaʼeera. Wanni isaan jedhan hundinuu gaarii dha. 29 Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture!
30 “Dhaqiitii, ‘Dunkaana keessanitti deebiʼaa’ jedhiin. 31 Ati garuu asuma na bira turi. Ani ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan ati akka isaan biyya ani dhaala godhee isaaniif kennu keessatti eeganiif isaan barsiiftu hunda sitti nan hima.”
32 Kanaafuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa. 33 Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje hunda irra deemaa.