12
Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin,
utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin,
bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
utuu aduu fi ifni,
jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin,
utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,
yeroo itti eegdonni manaa hollatanii
namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti,
yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif
hojii dhiisanii,
kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,
yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee
sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti,
yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee
sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,
yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi
balaa daandii irraa sodaatu,
yeroo itti mukni lawuzii daraaru,
yeroo itti korophisni tiratuu fi
hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu.
Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala;
warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.
 
Utuu funyoon meetii hin citin,
yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu;
utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin,
yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban
boolla bishaanii biratti hin cabin,
utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin,
utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
 
Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu!
Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.
Xumura Dubbii
Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera. 10 Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha.
11 Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne. 12 Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu.
Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa.
13 Amma wanni hundinuu dhagaʼameera;
dhumni dubbii kunoo ti;
Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi;
wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
14 Waaqni hojii hunda,
waan dhokfame hundas
gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.